Af-gaaffii Waraqaa galumsa Mana Qulqullummaa
Manni qulqullummaa mana Gooftaati. Mana qulqullummaa seenuu fi sirnoota achi keessatti raawwatamaan irratti hirmaachuun carraa qulqulluudha. Carraan kun akkuma warra aangoo lubummaa Malkiisedeqiin qabaniin murtaa’e, warri hafuuran qophaa’anii akkasumas ulaagaalee Gooftaan barbaaduun jiraachuuf tattaafataniif kan heyyamamudha.
Murtii kana gochuuf, geggeessitoonni lubummaa gaaffillee armaan gadii fayyadamuudhaan miseensa in gaafatu.
Gaaffiiwwan Af-gaaffii Waraqaa galumsa Mana Qulqullummaa
-
Waaqayyoo, Abbaa Bara baraatti; Ilmaa Isaa, Yesuus Kiristoositti; akkasumas Hafuura Quluqulluutti in amanta akkasumas dhugaa ba’umsa qabdaa?
-
Gatii kaffalatii cubbuu Yesuus Kiristoosiif akkasumas gumaachi Isaa akka Fayyisaa fi Furee kee ta’etti dhugaa ba’umsa qabdaa?
-
Wangeelli Yesuus Kiristoos deebifamee dhaabamuu irratti dhugaa ba’umsa qabdaa?
-
Piresdaantii Waldaa Qulqulloota Guyyaa Boodaa kan Yesuus Kiristosiin akka raajiitti, akka ilaaltuutti, akkasumas akka abbaa mul’atatti akkasumas biyya lafaa irratti nama furtuuwwan lubummaa hundumaa akka itti fayyadamuuf heyyamameef isa qofaaf akka ta’e in deeggertaa?
Miseensonni piresdaantummaa warra jalqabaa fi Gumii Ergamoota warra kudha lama akka raajota, akka ilaaltu, fi abbaa mul’ata ta’an in deeggertaa?
Aanga’oota waliigalaa fi geggeessitoota warra naannoo waldaa jiran in deeggertaa?
-
Gooftaan waantonni hundinuu Isa duratti “qulqullinaan akka raawwatamu” dubbateera (Barumsaa fi Kakuu 42:41).
Yaada fi gocha kee keessatti qulqullina naamusaa eeguu in yaaltaa?
Seera qulqullinatiif in abboomamtaa?
-
Amala kee isaa dhuunfaa keessatti akkasumas hawaasummaa keessatti miseensota maatii kee keessatti akkasumas namoota warra kaan biraatti, barsiisa Waldaa Yesuus Kiristoosiin in deeggertaa?
-
Barsiisa, gocha, yookiin baruumsa Waldaa Qulqulloota Guyyaa Boodaa Yesuus Kiristosiin faallaa ta’e in deeggertaa yookiin in jajjabeessita?
-
Guyyaa sanbataa mana keetiis ta’e akkasumas waldaatti qulqulleessuuf in yaaltaa, Walgahiiwwan kee irratti in hirmaattaa, irbaata qulqulluu ga’aa taate fudhachuuf akkasumas ofii kee in qopheessittaa; akkasumas lubbuun kee seera fi abboommota wangeelaa wajjin walsimsitee jiraachuuf in yaaltaa?
-
Hojiiwwan kee hunda keessatti amanamaa ta’uuf in yaaltaa?
-
Kurnoo guutummaatti in kaffaltaa?
Miseensonni haaraa taatanii bakka bu’ummaa cuuphaa fi mirkaneessa raawwachuuf heyyama isaa barbaaniif: Abboommii kurnoo akka kaffaltuuf eeguuf fedhii qabdaa?
-
Jecha Ogummaa in hubattaa akkasumas in eegdaa?
-
(Af-gaaffiin kun yeroo daa’imman yookiin dargaggoota gaafachaa jirtu in dhiifama.) Haadha mana kana duraa wajjin turteef yookiin ijoollee keetiif dirqamoota maallaqaa yookiin kan biraa in qabdaa?
Eeyyee yoo ta’eef, dirqamota sana guutuu irratti yeroo amma hojjechaa jirtaa?
-
(Gaaffii kana yommuu minseensa hin eebbifamne Af-gaaffii gaafannu in dhiifama.) Kakuuwwan warra mana qulqullummaa keessatti galte in eegdaa?
-
(Gaaffii kana yommuu minseensa hin eebbifamne Af-gaaffii gaafannu in dhiifama.) Akkaataa sirnoota jalqaba isa qajeelfama keessatti kennameetti uffata sana uffachuuf kenna qulqullaa’aa sana in kabajjaa? (Ibsa “Uffata Mana Qulqullummaa” jedhu kan armaan gaditti dabalame jiru, minseensa hundumaaf, dubbisi.)
-
Jireenya kee keessatti cubbuuwwan ciccimoo akka yaada garaa keetii geddarattuuf aanga’oota lubummaa wajjin furmaata itti argachuu barbaadu jiraa?
-
Mana Gooftaa seenuuf akkasumas sirnoota mana qulqullummaa keessa jiraan irratti hirmaachuuf ofii keetii ga’aadha jette in yaadaa?
Uffata Mana Qulqullummaa uffachuu
Piresidaantiin jalqabaa uffata kana uffachuu ilaalchisee qajeelfama armaan gadii kenneera:
Uffanni lubummaa qulqulluu golgaa mana qulqullummaa keessa jiru sun nu yaadachiisa, akkasumas golgaan sun immoo fakkeenya Yesuus Kiristoosiiti. Uffata kee yeroo uffattu, fakkeenya qulqulluu Yesuus Kiristoosiin uffatta. Uffachuun kee alaan isa hordofuuf of kennuu kee kan mul’isudha. Dabalataanis uffanni kunis kakuuwwan mana qulqullummaa kee kan si yaadachiisudha. Uffata kana jireenya kee guutuu halkanii fi guyyaa uffachuu qabda. Uffata uffachuun gochoota sababa qabeessa hojjetamuu hin dandeenyeef baasuun yeroo qabamutti, yeroo xiqqoo keessatti deebisanii uffachuun barbaachisaadha. Sirnoota jalqabbii keessatti akka qajeelfamaatti uffata sana uffachuudhaaf kenna qulqullaa’aa dabalatee, kakuuwwan kee yommuu eegdu, araara, eegumsa, jabinaa fi humna Fayyisaa argachuuf carraa guddaa nii argatta.”
Qajeelfama Dabalataa
hogganaan lubummaa miseensaaf barbaachisummaa heyyama isaa eeguu isaa yookiin ishee in hubachiisa.Yoom iyyuu nama biraatti kennamuu hin qabu akkasumas yoo bade yookiin hatameef gara nama isa kennetti hatattamaan gabaafamuu qaba.