Irbaata Qulqulluu
Miseensonni Waldaa guyyaa gaafa sanbataa Waaqayyoon waaqeffachuuf walitti in qabamu akkasumas irbaata qulqulluu irraas in hirmaatu, sirna kana keessatti, isaan daabboo fi bishaan fudhachuudhaan foon Isaa fi dhiiga Fayyisaa isa aarsaa ta’e in yaadatu akkasumas kakuuwwan isaanii isa qulqulluu in haaromsu.
-
Luboonni akkasumas lubummaa Malkiisedeq warri qaban irbaata qulqulluu in eebbisu.
-
Diiyaqonoonni, barsiistonni, luboonni, akkasumas lubummaa Malkiisedeqiin warri qaban irbaata qulqulluu namaaf kennu in danda’u.
-
Namni daabboo eebbisuu sun jilbeenfatee akkasumas daabboo sanaaf kadhannaa irbaata qulqulluudhaaf taasifamuu in dubbata (Barumsaa fi Kakuu 20:77 ilaali).
Yaa Waaqayyoo, Abbaa Bara Baraa, daaboo kana lubboota cabsatan hundumaaf, dhagna ilmaa kee yaadatanii akka nyaatanii fi, Yaa Waaqayyoo, Abbaa Bara Baraa, Hafuura isaa yeroo hundumaa isaanii wajjin akka qabaataniif; maqaa ilmaa kee ofii isaanii irratti fudhachuu fi yeroo hundumaa isa yaadachuu fi abboommota inni isaaniif kenne eeguuf fedha qabeessota akka taʼan akka siif dhugaa baʼaniif, akka eebbiftuu fi akka qulqulleessituuf maqaa Ilmaa keetii, Yesuus Kiristoosiin, si gaafanna. Aameen.
-
Namni bishaan eebbisuu sun jilbeenfatee akkasumas bishaan sanaaf kadhannaa irbaata qulqulluudhaaf taasifamuu in dubbata.(Barumsaa fi Kakuu 20:79 ilaali).
Yaa Waaqayyo, Abbaa Bara Baraa, bishaan kana lubboota dhugan hundumaaf, dhiiga ilmaa kee, isa isaaniif dhangalaʼe, yaadatanii akka godhaniif; Yaa Waaqayyo, Abbaa Bara Baraa, Hafuura isaa isaanii wajjin akka qabaataniif, yeroo hundumaa isa akka yaadatan akka siif dhugaa baʼaniif, akka eebbiftuu fi akka qulqulleessituuf maqaa Ilmaa keetii, Yesuus Kiristoosiin, si gaafanna. Aameen.