Qabeenyota Bu'uuraa
Nama dhukkubsateef tajaajila kennuu


Nama dhukkubsateef tajaajila kennuu

Nama dhukkubsateef “harka irra kaa’uudhaan” tajaajila kennuun kutaalee lamatti qoodaama: Zayitii dibuu fi eebbaan zayitii sanaa mirkaneessuudha. Zayitiin qulqullaa’e hin jiru yoo ta’eef, dibata malee nama aangoo lubummaa Malkiisedeq qabu tokkoon eebbi kennamuu danda’a.

Zayitii dibuun nama lubummaa Malkiisedeq qabu tokkoon in raawwatama. Innis:

  1. Zayitii qulqullaa’e tokko mataa nama sanaa irratti in dhangalasa.

  2. Harka isaa laafisuudhaan mataa nama sanaa irra in kaa’a akkasumas nama sana maqaa isaa yookiin ishee guutuu in waama.

  3. Inni aangoo lubummaa Malkiisedeqiitiin hojjechaa akka jiru in ibsa.

  4. Inni zayitii dhukkubsatoota fi rakkatoota dibuuf akkasumas eebbisuuf qulqulleeffameen dibaa akka jiru in ibsa.

  5. Maqaa Yesuus Kiristoosiin in xumura.

Dibata mirkaneessuuf, namni lubummaa Malkiisedeq qabu tokko yookiin isaa ol kan ta’an harka isaanii laafisuudhaan mataa nama sanaa irra in kaa’u. Kana boodas kan dibata mirkaneessu:

  1. Nama sana maqaa isaa yookiin ishee guutuu in waama.

  2. Inni aangoo lubummaa Malkiisedeqiitiin dibata kana mirkaneessaa akka jiru in ibsa.

  3. Akkaataa Hafuurri geggeessetti jechoota eebbaa in kenna.

  4. Maqaa Yesuus Kiristoosiin in xumura.