Cuuphaa
Namni tokko miseensa waldaa ta’uuf akkasumas Hafuura Qulqulluu fudhachuuf nama aangoo qabu tokkoon cuuphaa gadi fagoo bishaan keessatti cuuphamuun isaa barbaachisaadha. Namni sadarkaa olaanaa barbaadu hundinuu, fakkeenya Fayyisaa hordofuun sirnoota kana fudhachuu qaba.
Sirni cuuphaa lubaan yookiin nama lubummaa Malkiisedeqiin qabuun in raawwatama.
Dhugaa baatonni lama, geggeessaa dura taa’aatiin kan mirkanaa’an, tokko tokkoon cuuphaa raawwatamuu isaa mirkaneeffachuuf in ilaalu. Ijoollee fi dargaggoota dabalatee, miseensonni waldaa warri cuuphamanis, akka dhugaa baatotatti tajaajilu in danda’u.
Cuuphaan tokko irra deebi’amee kan raawwatamuu yoo jechoonni akka Barumsaa fi Kakuu 20:73 irratti kennameetti sirritti hin dubbatamne ta’eedha. Dabalataanis kutaan qaama, rifeensi, yookiin uffanaan nama sanaa guutumaan guutuutti bishaan keessa yoo hin seene ta’eef, irra deebi’amee cuuphamuu qaba.
Sirna cuuphaa raawwachuuf, lubni tokko yookiin namni lubummaa Malkiisedeqiin qabu tokko jiraachu qaba:
-
Nama cuuphamuuf jiruu wajjin bishaan keessa in dhaabbata.
-
Harka isaa isa bitaatiin, harka mirgaa nama cuuphamuuf jiru in qabata (sababni isaa akka mijatuuf akkasumas nageenyaaf). Namni cuuphamuuf jiru harka isheen yookiin harka isaan namicha aangoo lubummaa qabu sana in qabata.
-
Harka isaa isa mirgaa kallattii sirriidhaan ol in kaasa.
-
Maqaa guutuu nama sana ibsuun akkasumas akkas in jedha, “Aangoo Yesus Kristos irraa naa kennameen, maqaa abbaa, kan ilma, kan afuura qulqulluun sin cuupha. Aameen” (Barumsaa fi Kakuu 20:73).
-
(Akka mijaatuuf) namni cuuphamuuf jiru funyaan isaa yookiin funyaan ishee harkaa isaa yookiin ishee isa mirgaatiin haa qabatu yookiin haa qabattu; kana boodas harka isaa dugda nama sana irra in kaa’a akkasumas guutuman guutuutti uffata dabalatee, akka bishaan keessa seenu in godha.
-
Namni sun bishaan keessaa akka ol ba’uuf haa gargaaru.