Maqaa moggaasu akkasumas ijoollee eebbisu
Ijooleen yeroo baay’ee maqaa kan moggaafamanii fi kan eebbifaman, walga’ii soomii fi dhugaa baatii irrati iddookan gargaar ta’een damee maatiin isaanii keessa jiraatanitti kennamu qabu. Yeroo fi iddoo eebbi daa’immanii itti kennamu isa kan yeroo irraa gargaarummaa yoo qabateef bifa adda ta’een kan raawwatamu yoo ta’eef, heyyama dura taa’aatiin mirkanaa’uu qaba.
Akkaataa qajeelfama geggeessaa jalatti, namoonni lubummaa malkiisedeqiin qaban daa’ima maqaa mogaasuf akkasumas eebbisuuf geengoo uumun walitti in qabamu. Isaan harka isaanii daa’ima jala in kaa’u, yookiin isaan harka isaanii laafisuudhaan mataa daa’ima guddaa irra in kaa’u. Kana boodas kan sagalee ta’ee dubbatu:
-
kadhanna keessatti, Abbaa isa waaqa irratti in dubbata.
-
Eebbichi lubummaa malkiisedeqiitiin akka raawwatamuu jalqabe in ibsa.
-
Maqaa daa’imaaf in kenna.
-
Daa’imatti in dubbata.
-
Akkaataa Hafurri isa geggeessetti daa’imaaf eebba in kenna.
-
Maqaa Yesuus Kiristoosiitiin in xumura.