Qabeenyota Bu'uuraa
Muuduu


Lubummaa kennuu fi gara hojii Waajjiratti Muuduu

Lubummaan kutaawwan lamatti qoodamu: Aaroonii fi Malkiisedeqiidha. Lubummaan yommuu nama tokkoof kennamu, inni dabalataanis lubummaa sana keessatti hojii aangoo tokkoof in muudama. Lubummaan kun lamaanuu erga kennamanii booda, namni tokko hojiiwwan aangoo biraatiif isa lubummaa sana keessa jiruun muudamuu qofa isa barbaachisa.

Piresdaantii kutaa yookiin namni lubummaa Malkiisedeqii qabu tokko akkaataa qajeelfama isaa isa jala jirutti nama tokko gara hojii jaarsummaatti muuduu danda’a. Geengoo keessa dhaabbachuu kan danda’u nama lubummaa Malkiisedeqii qabu qofaadha.

Piresdaantiin (stake) isteeki yookiin aangfni lubaa akkaataa qajeelfama isaa isa jala jirutti nama tokko gara hojii aangafa lubummaatti muuduu danda’a. Geengoo keessa dhaabbachuu kan danda’u aangafa lubootaa qofa.

Lubni tokko yookiin namni lubummaa Malkiisedeqiin qabu obboleessa tokko gara aangoo diiyaqoni, barsiisaa, yookiin lubaatti muuduu danda’a. Inni heyyama geggeessaa qabaachuu qaba. Geggeessaa yookiin namni inni filate tokko achi irratti argamuu qaba.

Namni tokko muudama Aaroonii keessatti hirmaachuuf, luba ta’u qaba yookiin lubummaa Malkiisedeq qabaachuu qaba.

Lubummaa nama tokkoof kennuuf akkasumas hojii lubummaatti muuduuf, heyyama lubummaa warri qaban tokko yookiin isaa ol kan ta’an harka isaanii laafisuudhaan mataa nama sanaa irra in kaa’u. Kana boodas kan sagalee ta’ee dubbatu:

  1. Nama sana maqaa isaa guutuu in waama.

  2. Aangoo inni ofii isaatii sirna kana raawwachuuf qabu (Aaroonii yookiin lubummaa Malkiisedeq) akka ta’ee in ibsa.

  3. Yoo duraan kennamuun hin raawwatamne ta’eef, Aaroonii yookiin lubummaa Malkiisedeq in kenna.

  4. Nama sana lubummaa Aaroonii yookiin Malkiisedeqii keessatti hojii tokkoof in muuda, akkasumas hojii sanaafis mirgoota, humna, fi aangoo akka qabatuuf in kenna.

  5. Akka Hafuurri geggeessetti jechoota eebbaa in kenna.

  6. Maqaa Yesuus Kiristoosiin in xumura.

Namni tokko erga lubumman barbachisa ta’e kennameefi booda gara lubumma hojii tokkootti mudaamuf, namni muudama raawwacha jiru tarkanfii sadaffaa in dhiisa.