Seensa
Sirnoonni fi eebboonni hojiiwwan qulqulluu aangoo lubummaatiin akkasumas maqaa Yesuus Kiristoosiitiin kan raawwatamaniidha.
Sirnoonni fi eebboonni Waaqayyo Abbaatti akkasumas Yesuus Kiristoosiitti amanuudhaan akkasumas akkaataa qajeelfama Hafuura Qulqulluutiin raawwatamuu qabu. hoggantoota heyyama sirriidhaan (iddoo barbaachisa ta’etti), aangoo lubummaa barbaachisuun, karaa sirrii ta’een akkasumas namoota ga’uumsa qabaniin akka raawwatamuuf in mirkaneessu.