Awwaalota Eebbisuu
Awwaala eebbisuuf, namni lubummaa Malkiisedeqiin qabu tokko:
-
Kadhannaa keessatti Abbaa Waaqa irra teessoo in godha.
-
Inni aangoo lubummaa Malkiisedeqiitiin hojjechaa akka jiru in ibsa.
-
Iddoo awwaalaa akka bakka boqonnaa qaamaa nama du’e ta’uuf in eebbisa akkasumas in qulqulleessa.
-
Iddoon sun hamma du’a kaa’uun ta’utti itti fufee (iddoo barbaachisaa ta’e) akka qulqullaa’u fi eeggamu in kadhata.
-
Abbaan inni Waaqa irra maatii sana akka jajjabeessuuf in gaafata akkasumas yaada isaas akkaataa Hafuurri isa geggeessetti in ibsa.
-
Maqaa Yesuus Kiristoosiin in xumura.
Yoo qaamni minseensa waldaa tokko gubateef, geggeessaan dura taa’aa murtii isaatti fayyadamee iddoo itti reeffi eeggama jiru eebbisuu yookiin dhiisuu in danda’a.