Qabeenyota Bu'uuraa
Zayitii Qulqulleessuu


Zayitii Qulqulleessuu

Namoonni lubummaa Malkiisedeq qaban utuu dhukkubsataaf yookiin rakkataaf dibuudhaan itti hin fayyadamaniin dura zayitii ejersaa sana qulqulleessuu qabu. Zayitii biraatti fayyadamuun hin danda’amu (Ergaa Yaaqoob 5:14).

Zayitii qulqulleessuuf, namni lubummaa Malkiisedeq qabu:

  1. Meeshaa zayitii ejersaa qabu banee in qabata.

  2. Kadhannaa keessattis Abbaa isa Waaqa irraa teessoo in godha.

  3. Inni aangoo lubummaa Malkiisedeqiitiin hojjechaa akka jiru in ibsa.

  4. Warri dhukkubstaan akkasumas warri rakkataan akka dibatanii akkasumas ittiin eebbifamaniif (meeshaa utuu hin taane) zayitii qofaa qulqulleessee addaan in baasa.

  5. Maqaa Yesuus Kiristoosiin in xumura.