Mana Eebbisuu
Miseensonni waldaa manneen isaanii aangoo lubummaa Malkiisedeqiin eebbisiisu in danda’u. Mana tokko eebbisuuf, namni lubummaa Malkiisedeqii qabu tokko”:
-
Kadhannaa keessatti Abbaa Waaqa irra teessoo in godha.
-
Inni aangoo lubummaa Malkiisedeqiitiin hojjechaa akka jiru in ibsa.
-
Mana akkuma bakka qulqulluu ta’eetti, iddoo Hafuurri Qulqulluun keessa jiraachu danda’u godhee in qulqulleessa akkasumas akkaataa Hafuurri geggeessetti jechoota kan biroo kenna.
-
Maqaa Yesuus Kiristoosiin xumura.