Qabeenyota Bu'uuraa
Eebboota Jajjabinaa fi Gorsaa


Eebboota Jajjabinaa fi Gorsaa, Eebboota Abbaa dabalatee

Eebbaa jajjabinaa fi gorsaa yookiin eebbaa abbaa kennuudhaaf, warri lubummaa Malkiisedeqiin qaban tokko yookiin isaa ol kan ta’an harka isaanii laafisuudhaan mata nama sanaa irra in kaa’u. Kana boodas kan sagalee ta’ee dubbatu:

  1. Nama sana maqaa isaa yookiin ishee guutuu in waama.

  2. Eebbichi aangoo lubummaa Malkiisedeqiitiin raawwatamaa akka jiru in ibsa.

  3. Akkaataa Hafuurri isa geggeessetti jechoota eebbaa, jajjabinaa fi gorsaa in kenna.

  4. Maqaa Yesuus Kiristoosiin in xumura.