Boqonnaa 5
Yaaqoob seenaa fakkeenya muka ejersaa isa bosonaa fi isa lalisee wajjin kan walqabatee Zenoosiin irraa in caqase—Isaan warra Israa’elii fi warra Ormootaa wajjin kan walitti fakkeeffamaniidha—Faffaca’iinsii fi walitti qabamuun Israa’el dursee kan himameedha—Waa’een warra Nefii, warra Laamaan fi warra mana Israa’el hundumaa eerameera—Warri Ormoonni gara Israa’elitti in fayyifamu—Dhuma irrattis iddoon dhaaba wayinichaa in gubata. Naannoo bara 544–421 Dh.K.D.
1 Kunoo, obboloota koo, isin dubbiiwwan Raajii Zeenos, isa inni mana Israa’elitti akkas jechuun dubbatte akka dubbiftan hin yaadattanii:
2 Yaa mana Israa’el, isin na dhaggeeffadhaa, akkasumas dubbiiwwan koo, raajii Gooftaas dhaga’aa.
3 Kanaafis kunoo, Yaa mana Israa’el, isin akka muka ejersaa isa lalisaa, isa namni tokko dhaaba wayinii isaa keessatti fudhatee kunuunseeti; akkasumas inni guddatee, akkasumas dulloomee, akkasumas tortoruu jalqabeetiin, ani isiniin wal nan fakkeessa, jedha Gooftichi.
4 Akkasumas kun erga ta’ee booda, abbaan iddoo dhaaba wayinii sanaas ba’ee, akkasumas inni mukti ejersa isaa manca’uu akka jalqabe in arge; akkasumas inni akkas in jedhe: Akkasumas akka inni hin badneetti, ani isa nan qeexxa’a, akkasumas naannoo isaas nan soqa, akkasumas isa nan kunuunsa, tarii kanaan fiixeen damee isaatii fi xobbeen isaa in lata.
5 Akkasumas kun erga ta’ee booda, innis isa in qeexxa’e, akkasumas naannoo isaa soqee, akkasumas akka dubbii isaatiittis in kunuunse.
6 Akkasumas kun erga ta’ee booda, guyyoota baay’ee boodas hamma tokko damee xiqqoo, xobbee fi fiixee damoota baasuu jalqabe; kunoo garuu, gubbaan isaa inni guddaan baduu in jalqabe.
7 Akkasumas kun erga ta’ee booda, abbaan iddoo dhaaba wayinii sanaa in arge, akkasumas inni hojjetaa isaatiin akkas in jedhe: Ani muka kana dhabuun koo na gaaddisiisa; kanaafuu, dhaqiitiidameewwan muka ejersaa bosonaa irraa funaani, akkasumas as gara kootti isaan fidi; akkasumas dameewwan gurguddoo warra goguu jalqaban sanas in buqqifna, akkasuma nuyi akka isaan gubataniif gara abiddaattis in ganna.
8 Akkasumas kunoo, Gooftaan iddoo dhaaba wayinichaa akkas jedha, ani dameewwan warra xobbee fi warra fiixee kana baay’ee isaanii nan fudhadha, akkasumas ani iddoon barbaade kamitti iyyuu isaan nan fayyisa; akkasumas yoo hiddi muka kanaas kan badu ta’es dhimma hin qabu, ani ija isaa ofii kootiif nan kaa’a; kanaafuu, ani dameewwan warra xobbee fi warra fiixee kana nan fudhadha, akkasumas ani iddoon barbaadetti isaan nan fayyisa.
9 Ati dameewwan muka ejersaa bosonaa keessaa fudhadhu, akkasumas iddoo isaaniis itti isaan fayyisi; akkasumas akka isaan iddoo dhaaba wayinii koo hin balleesineef, ani isaan warra ani buqqiseen kana abiddatti nan darbadha, akkasumas isaaniin nan guba.
10 Akkasumas kun erga ta’ee booda, hojjetaan Gooftaa iddoo dhaabaa wayinichaas akka dubbii Gooftaa isa iddoo dhaaba wayinichaatti in raawwate, akkasumas dameewwan muka ejersaa isa bosonaa wajjinis walitti in fayyise.
11 Akkasumas Gooftichi iddoo dhaaba wayinii isaa akka itti soqu, akkasumas akka qeexxa’u, akkasumas akka kunuunsu isa godhe, hojjetaa isaan akkas in jedhe: Muka kana dhabuu kootti ani nan gadda; Kanaafuu, tarii hiddoota isaa akka hin badneef akka ani eeguuf, ani ofii kootiif akkan eeguuf, ani waan kana hojjedheera.
12 Kanaafuu, karaa kee adeemi; mukichas eegi, akkasumas akka dubbiiwwan kootiittis, isa kunuunsi.
13 Akkasumas, ani isaan kana iddoo dhaaba wayinii koo keessaa kutaa isa gadi aanaa keessa, iddoo ani barbaade kamiin keessa iyyuu nan kaa’a, kunis si hin yaachisin; akkasumas ani dameewwan uumamaa muka sanaa ofii kootiif akkan eeguuf; akkasumas immoo, ani ofii kootiif, ija isaa yeroon akkan kuufadhuufiidha; sababni isaa ani muka kanaa fi ija isaa dhabuun koo na gaddisiisa.
14 Akkasumas kun erga ta’ee booda, Gooftichi iddoo dhaaba wayinichaa karaa isaa in deeme, akkasumas akka fedha isaa fi akka isa gammachiisetti, dameewwan uumamaa warra kan muka ejersaa isa lalisee, iddoo dhaaba wayinichaa keessaa isa kutaalee warra gadi aanaa keessa jiran, isaan keessaa warra tokko keessaa fi warra kaan keessas in dhokse.
15 Akkasumas kun erga ta’ee booda, yeroo dheeraanis in darbe, akkasumas Gooftaan iddoo dhaaba wayinichaa hojjetaa isaatiin akkas in jedhe: Kottu, gara iddoo dhaaba wayinichaatti gadi buunee, nuyi iddoo dhaaba wayinichaa keessa in hojjennaa.
16 Akkasumas kun erga ta’ee booda, Gooftaan iddoo dhaaba wayinichaa, akkasumas immoo hojjetaan isaa, gara iddoo dhaaba wayinichaa keessa hojjechuuf gadi in bu’an. Akkasumas kun erga ta’ee booda, hojjetichi gooftaa isaatiin akkas in jedhe: Kunoo, as ilaali; mukicha ilaali.
17 Akkasumas kun erga ta’ee booda, Gooftaan iddoo dhaabaa wayiniichaa sun muka dameen ejersa bosonaa itti fayyifamee ture sana ilaale akkasumas in arge; akkasumas innis in daraare akkasumas ija kennuu jalqabee ture. Akkasumas, inni gaarii ta’uu isaa arge ture; akkasumas iji isaas akkuma ija isa uumamaa ture.
18 Akkasumas inni hojjetichaan akkas in jedhe: Kunoo, hiddi muka dameewwan bosonaa jiidhina qabaataniiru, kanaanis hiddi isaa jabina guddaa godhateera; akkasumas sababa hiddi isaa baay’ee jabaa ta’eef dameewwan bosonaa ija gaarii fidaniiru. Amma, utuu nuyi dameewwan kana walitti hin fayyifneen ta’ee, mukichi in bada ture. Akkasumas ammas, kunoo, ani ija isa mukichi godhatee ture, baay’ee isaa nan kuusa; akkasumas yeroo iji isaa ga’uuttis, ani ofii kootiif nan kuufadha.
19 Akkasumas kun erga ta’ee booda, Gooftaa iddoo dhaaba wayinichaa hojjetichaan akkas in jedhe: Kottu, gara kutaa iddoo dhaabaa wayinii isa gadi aanaa sanaatti in deemna, akkasumas dameewwan uumamaa ija baay’ee yoo hin godhanne ta’ee immoo ani ija isaa yeroodhaan ofii kootiif akkan kuufadhuuf mee haa ilaallu.
20 Akkasumas kun erga ta’ee booda, isaan gara iddoo isa Gooftaan dameewwan muka uumamaa dhoksee ture sanaa in deeman. akkasumas inni hojjetaa sanaan akkas jedhe: Isaan kana illaali; akkasumas inni jalqabaa ija baay’ee akka godhatee ture in arge; akkasumas immoo inni gaarii akka inni tures in arge. Akkasumas, inni hojjetichaan akkas in jedhe: Ani ofii kootiif akkan eegadhuuf, ija isaa fuudhiitii yeroo isaatiif kuusi, sababni isaa akka inni ija baay’ee godhatuuf, akkasumas ani yeroo dheeraadhaaf isa kunuunseera, akkasumas inni ija baay’ee godhateera, ittiin jedhe.
21 Akkasumas kun erga ta’ee booda, hojjetaan sunis gooftaa isaatiin akkas in jedhe: Ati muka kana yookiin damee mukaa kana dhaabuuf akkamitti as dhufteree? Kanaafis kunoo, lafti iddoo dhaaba wayinii keetii iddoo hundumaa keessatti hin misoomne ture.
22 Akkasumas, Gooftaan iddoo dhaaba wayinichaa akkas isaan in jedhe: Ana hin gorsin; ani iddoo hin misoomne akka inni ture nan beeka; kanaafuu, ani akkas siin jedheera, ani yeroo dheeraa hamma kanaaf isa kunuunseera, akkasumas ija baay’ee akka inni argamsiises ati argiteetta.
23 Akkasumas kun erga ta’ee booda, Gooftaan iddoo dhaaba wayinichaa hojjetaa isaatiin akkas jedhe: As ilaali; kunoo ani damee muka kan biraas immoo dhaabeera; akkasumas ati lafti kun iddoo isa duraa caalaa kan hin misoomne akka ture beekta. Garuu mukicha ilaali. Ani yeroo dheeraadhaaf isa kunuunseera, akkasumas ija baay’ees godhateera; kanaafuu, walittiqabi, akkasumas akka ani yeroo ofii kootiif isa kaa’adhuufis isa kuusi.
24 Akkasumas kun erga ta’ee booda, Gooftaan iddoo dhaaba wayinichaa ammas hojjetaa isaatiin akkas in jedhe: As ilaali, akkasumas immoo damee warra kaan, isa ani dhaabe ilaali; kunoo ani dabalataan isa kunuunseera, akkasumas inni ija godhateera.
25 Akkasumas, inni hojjetichaan akkas in jedhe: As ilaali akkasumas isa dhumaa ilaali. Kunoo, ani lafa isa iddoo gaarii keessa isa dhaabeera; akkasumas ani yeroo dheeraadhaaf isa kunuunseera, akkasumas mukicha keessaa kutaa tokko qofaatu ija gaarii godhate, akkasumas kutaa mukichaa keessaa warri kaan ija bosonaa in godhatan; Kunoo, ani muka kana akkuma warra kaaniitti kunuunseera.
26 Akkasumas kun erga ta’ee booda, Gooftaan iddoo dhaaba wayinichaa hojjetichaan akkas jedhe: Dameewwan ija gaarii hin godhanne buqqisi, akkasumas abidda keessattis isaan darbadhu.
27 Garuu kunoo, hojjetichi akkas isaan in jedhe: Mee isa irraa haa qeexxaanu, akkasumas naannoo isaas haa soqnu, akkasumas yeroo muraasaafis haa kunuunsinu, tarii yeroo isaatti akka ati kuufattutti ija gaarii siif fiduu danda’a.
28 Akkasumas kun erga ta’ee booda, Gooftaan iddoo dhaaba wayinichaa fi hojjetaan Gooftaa iddoo dhaaba wayinichaa ija iddoo dhaaba wayinii hundumaa in kunuunsan.
29 Akkasumas kun erga ta’ee booda, yeroo dheeraanis in darbe, akkasumas Gooftaan iddoo dhaaba wayinichaas hojjetaa isaatiin akkas jedhe: Kottu, mee ammas iddoo dhaaba wayinii keessa akka hojjennuuf, gara iddoo dhaaba wayiniitti gadi in buuna. Sababni isaas kunoo, yeroochi dhiyaateera, akkasumas dhumnis dhiyootti indhufa; kanaafuu, ani ofii kootiif, yeroodhaan ija isaa kuusuun qaba.
30 Akkasumas kun erga ta’ee booda, Gooftaan iddoo dhaaba wayinichaa fi hojjetichi gara iddoo dhaaba wayinichaatti gadi in bu’an; akkasumas isaanis gara muka isa dameewwan uumamaa isaa irraa cabe tureetti in dhufan, akkasumas dameewwan bosonaa itti fayyifamanii turan; akkasumas kunoo gosoonni ijaa hundinuu akka mukichi gadi jedhu in godhan.
31 Akkasumas kun erga ta’ee booda, Gooftaan iddoo dhaaba wayinii ijicha gosa hundumaa irraa akka lakkoofsa isaatiitti in dhandhame. Akkasumas, Gooftaan iddoo dhaaba wayinichaas akkas in jedhe: Kunoo, nuyi yeroo dheeraa kanaaf muka kana kunuunsineerra, akkasumas ani yeroo isaatiif kan ta’u ija baay’ee ofii kootiif kuuseera.
32 Garuu kunoo, yeroo kanatti inni ija baay’ee godhateera, akkasumas isa keessaas kan gaarii ta’e tokko illee hin jiru. Akkasumas kunoo, iji gosoota hamaa hundumtuu jiru; akkasumas baay’ee yoo hojjenne iyyuu, inni bu’aa naaf hin argamsiisu; akkasumas amma ani muka kana dhaabuun koo na gaddisiisa.
33 Akkasumas, Gooftaan iddoo dhaaba wayinichaas hojjetichaan akkas in jedhe: Ani ammas ija isa gaarii ofii kootiif akkan kuufadhuuf, nuyi mukicha maal goonuu?
34 Akkasumas, hojjetichi gooftaa isaatiin akkas in jedhe: Kunoo, ati dameewwan muka ejersaa isa bosona keessaa wajjin waan walitti fayyifteef isaan hiddoota kunuunsaniiru, isaan lubbuun akka jiraatanii fi akka isaan hin badne; Kanaafuu ati amma iyyuu gaarii ta’uu isaanii argiteetta.
35 Akkasumas kun erga ta’ee booda, Gooftaan iddoo dhaaba wayinichaa hojjetaa isaatiin akkas in jedhe: Mukichi bu’aa homaa naaf hin argamsiisu, akkasumas ija hamaa hamma argamsiisetti hiddoonni isaas bu’aa homaa naaf hin argamsiisan.
36 Haa ta’u malee, ani hiddoonni isaa gaarii akka ta’an nan beeka, akkasumas ani kaayyoo ofii kootiitiif isaan eegeera; akkasumas isaan humna guddaa qabaachuu isaanii irraa kan ka’es, hamma ammaatti dameewwan bosonaa irraa, ija gaarii godhataniiru.
37 Garuu kunoo, dameewwan bosonaa guddataniiru akkasumas hiddoonni isaanis baachuu hin dandeenye; akkasumas sababa hiddoonni isaa dameewwan bosonaa baachuu dadhabeef ija hamaa baay’ee godhateera; akkasumas sababa inni ija hamaa baay’ee godhateef, baduu akka jalqabe ati argiteetta; akkasumas yoo nuyi isa oolchuuf waan tokko goone malee inni abiddatti akka gadi gatamuuf yeroo dhiyootti in bilchaata.
38 Akkasumas kun erga ta’ee booda, Gooftaan iddoo dhaaba wayinichaa hojjetaa isaatiin akkas in jedhe: Kottu mee gara kutaalee warra gadi aanaa iddoo dhaaba wayinichaatti gadi in buuna, akkasumas immoo dameewwan uumamaa ija hamaa yoo godhatan in ilaallaa.
39 Akkasumas kun erga ta’ee booda, isaan gara kutaalee warra gadi aanaa iddoo dhaaba wayinichaatti gadi in bu’an. Akkasumas kun erga ta’ee booda, isaan iji dameewwan uumamaas immoo akka tortoran in argan; Eeyyee, inni tokkoffaa, inni lammaffaa fi dabalataanis inni dhumaas; akkasumas hundumtii isaanii tortoranii turan.
40 Akkasumas, iji bosonaa inni dhumaa kutaa mukaa isa ija gaarii godhatee ture sana in mo’ate, damichi illee goge du’e.
41 Akkasumas kun erga ta’ee booda, Gooftaan iddoo dhaaba wayinichaa boo’e, akkasumas hojjetichaan akkas in jedhe: Ani kana caalaa iddoo dhaaba wayinii kootiif maal gochuun danda’aree?
42 Kunoo, ani iji iddoo dhaaba wayinii hundinuu, isaan kana malee, akka tortoranii turan nan beeka. Akkasumas amma, warri dur ija gaarii godhatanii turanis immoo tortoraniiru; akkasumas amma mukkeen iddoo dhaaba wayinii kootii hundinuu gadi muramee abiddatti yoo gatamee malee homaa hin fayyadu.
43 Akkasumas kunoo, damee isa dhumaa isa goge kana ani lafa iddoo gaarii keessa; eeyyee, isa kutaalee iddoowwan dhaaba wayinii kootii hundumaa keessaa isa anaaf caalaatti filatamaa ture keessa illee dhaabeen ture.
44 Akkasumas, ani iddoo isaa muka kana dhaabuu akkan danda’uuf, isa lafa kana balleesse akkan mure atis immoo argiteetta.
45 Akkasumas, kutaa isa achi jiru ija gaarii akka godhate ati argitteetta, akkasumas kutaa isa ija bosonaa godhate ati argiteetta; akkasumas ani dameewwan isaa buqqisee abiddatti waanan hin darbadheef, kunoo, isaan damee isa gaarii mo’anii akka gogu godhaniiru.
46 Akkasumas amma, kunoo, nuyi iddoo dhaaba wayinii kootiif kunuunsa hundumaa yoo goone iyyuu, mukkeen achi jiran tortoraniiru, kanaafis isaan ija gaarii hin godhatan; akkasumas ani isaan kana oolchuuf, ija isaas yeroo isaatii, ofii kootiif kuusuudhaaf, ani isa abdadheen ture. Garuu, kunoo, isaan akka muka ejersaa isa bosonaa ta’aniiru, akkasumas isaanis muramanii akkasumas yoo abiddatti gadi darbataman malee, homaa gatii hin qaban; akkasumas isaaniin dhabuun koo kun na gaddisiiseera.
47 Garuu iddoo dhaaba wayinii kootii keessatti ani kana caalaa maal gochuun danda’aree? Ani isa akka hin kunuunsineef, ani harka koo sassaabadheeraaree? Lakkii, ani isa kunuunseera, akkasumas ani naannoo isaa soqeera, akkasumas ani isa irraa qeexxa’eera, akkasumas ani xaa’oo itti naqeera; akkasumas ani guyyaa guutuus harka koo diriirseera, akkasumas dhumni isaas dhiyaateera. Akkasumas, mukkeen warra iddoo dhaaba wayinii koo hundumaa isaanii muruun koo, akkasumas akka gubataniif abidda keessatti isaan darbachuun koo na gaddisiisa. Iddoo dhaaba wayinii kootii kan tortorse eenyuudhaaree?
48 Akkasumas, kun erga ta’ee booda hojjetichi gooftaa isaatiin akkas in jedhe: Mataa irra keessa kan qabate iddoo dhaaba wayinii keetii mitii—dameewwan isaa hiddoota warra gaarii ta’an hin mo’anneeree? Akkasumas, dameewwan isaas hiddoota isaa mo’achuu irraa kan ka’e, kunoo jabina ofii isaaniitiif fudhachuudhaan isaan cimina hiddootaa irra caalaa saffisaan guddataniiru. Kunoo, ani nan jedha, tortoruun mukkeen iddoo dhaaba wayinii keetii sababii kanaaf mitii?
49 Akkasumas kun erga ta’ee booda, Gooftaan iddoo dhaaba wayinichaa hojjetaa isaatiin akkas jedhe: Kottu mee gara iddoo dhaaba wayiniitti gadi in buunaa, akka isaan lafa iddoo dhaaba wayinii kootii hin balleessineef, akkasumas mukkeen isaanis murree akkasumas abidda keessatti gadi isaan in darbanna, sababni isaa ani waanan gochuu danda’u hundumaa godheera. Iddoo dhaaba wayinii kootiif kana caalaa maal gochuun danda’aree?
50 Garuu, kunoo, hojjetichi Gooftaa iddoo dhaaba wayinichaatiin akkas in jedhe: Yeroo xiqqoo muraasaaf isa eegi.
51 Akkasumas Gooftichi akkas jedhe: Eeyyee, ani mukkeen iddoo dhaaba wayinii kootii dhabuun koo waan na gaddisiiseef, ani yeroo xiqqoo muraasaaf isa nan eega.
52 Kanaafuu, kottu mee dameewwan warra ani iddoo dhaaba wayinii kootii warra kutaalee isa gadi aanaa keessa dhaabamee ture in fuunaannaa, akkasumas kottu mee gara muka isa isaan irraa dhufaniittis isaaniin in fayyifnaa; akkasumas kottu mee mukoota warra iji isaanii caalaatti haadha’aa ta’anis dameewwan isaanii kana in buqqifnaa, akkasumas iddoo isaas dameewwan uumamaa isa kan mukichaatti in fayyifnaa.
53 Akkasumas, mukichi akka hin badneef, tarii, ani kaayyoo kootiitiif, hiddoota isaa ofii kootiif eegu nan godha.
54 Akkasumas, kunoo, hiddoonni muka dameewwan uumamaa inni ani iddoon barbaade dhaabee ture amma iyyuu lubbuun jira; kanaafuu, ani kaayyoo ofii kootiifis immoo akkan isaan eeguuf ani muka kana irraa dameewwan nan fudhadha, akkasumas ani isaanii wajjinis walitti isaan nan fayyisa. Eeyyee, ani hiddoota isaanii ofii kootiif akkan eeguufis immoo, isaan yeroo sirriitti jajjaboo ta’anii tarii ija gaarii akka naaf godhataniif, ija iddoo dhaabaa wayinii kootiittis ani akkan gammaduuf, ani dameewwan mukaa isa haadha isaanii ta’etti isaan nan fayyisa.
55 Akkasumas kun erga ta’ee booda, isaan muka uumamaa isa kan bosonaa ta’e irraa fudhatanii, akkasumas immoo mukeen uumamaa, warra isa kan bosonaa ta’e keessatti, in fayyisan.
56 Akkasumas, isaan dabalataan mukkeen uumamaa warra isa kan bosonaa ta’an fuudhanii, akkasumas gara muka isa haadha isaanii ta’eettis isaan in fayyisan.
57 Akkasumas, Gooftaan iddoo dhaaba wayinichaa hojjetichaan akkas jedhe: Dameewwan mukeen bosonaa keessaa warra baay’ee hadhaa’oo ta’an malee irraa hin buqqisin; akkasumas ati isaan keessatti akka ani jedhetti in fayyifta.
58 Akkasumas, nuyi mukeen iddoo dhaaba wayinii kana ammas in kunuunsina, akkasumas nuyi dameewwan isaas irraa in qeexxaana; akkasumas nuyi mukeen dameewwan isaanii bilchaatan, akkasumas warra baduu qaban, buqqifne abidda keessatti isaaniin in darbanna.
59 Akkasumas, ani, sababii gaarummaa isaaniitiif, tarii, hiddoonni isaanii jabina argachuu danda’u jedhee kana nan godha; akkasumas sababii jijjiiramuu dameewwaniitiif, inni gaariin isa hamaa in mo’ata ta’a.
60 Akkasumas, sababii ani dameewwan uumamaa isaatii fi hiddoota isaa eegeef, akkasumas ani damewwaan uumamaa keessatti ammas gara muka haadha isaaniitti waanan fayyiseef, akkasumas hiddoota muka haadha isaaniis waanan eegeef, tarii, mukeen iddoo dhaaba wayinii kootii ammas ija gaarii godhachuu akka danda’aniif; akkasumas ija iddoo dhaaba wayinii kootiitti deebi’ee akka ani gammachuu argadhuuf, tarii, ani hiddoota iddoo dhaaba wayinii fi dameewwan ija warra jalqabaa eeguu kootti gar-malee gammachuu akkan argadhuuf—
61 Kanaafuu, nuyi iddoo dhaaba wayinichaa keessa humna keenya guutuudhaan itti dhimminee akka hojjennuuf, nuyi karichas akka qopheessinuuf, akkasumas ani ija isa kan uumamaa, ija isa ija warra kaan hundumaa caalaa gati-jabeessa fi gaarii ta’e, deebisee argamsiisuu akkan danda’uuf, gara hojjettootaa deemiitii waami.
62 Kanaafuu, yeroo isa dhumaa kanaaf deemnee humna keenya guutuudhaan haa hojjennu, sababni isaa kunoo dhumni isaa dhiyaateera, akkasumas ani iddoo dhaaba wayinii kootii irraa yeroo isa dhumaatiif nan qeexxa’aa.
63 Warri dhumaa irraa warra jalqaba akka ta’aniif isaan irraa jalqabi, akkasumas warri jalqaba irraa warra dhumaa akka ta’aniif, dameewwan keessatti isaan fayyisi; akkasumas hundumtii isaanii ammas yeroo dhumaatiif kunuunfamuu akka danda’aniif; naannoo warra dulloomanii fi xobbee ta’anii naannoo warra jalqabaa fi warra dhumaa, akkasumas naannoo warra dhumaa fi warra jalqabaatis soqi.
64 Kanaafuu, naannoo isaanii soqaa, akkasumas isaan irraas qeexxa’aa, akkasumas irra deebiin al-tokko, isa dhumaatiif xaa’oo itti naqaa, sababni isaa dhumni isaa dhiyaateera. Akkasumas, warri itti fayyifaman kun yoo kan guddatan ta’eef, akkasumas ija uumamaas yoo kan godhatan ta’eef, isa booda isin akka isaan guddataniif, karaa isaaniif in qopheessitu.
65 Akkasumas, guddachuu yommuu isaan jalqabanitti akka jabina isa gaariitii fi hamma guddina isaatiitti, dameewwan warra ija hadhaa’aa godhatan in balleessitu; akkasumas hiddi warra itti fayyifamanii gar-malee akka isinitti hin jabaanneef, akkasumas warri achi irratti itti fayyifamanis akka hin badneef, akkasumas ani mukoota iddoo dhaaba wayinii kootii akkan hin dhabneef, isin isa hamaa hundumaa al-tokkotti hin balleessinaa.
66 Sababni isaa mukkeen iddoo dhaaba wayinii kootii dhabuun koo na gaddisiisa; kanaafuu, hamma inni gaariin isa hamaa mo’utti, hiddi isaa fi gubbaan isa akka wal-qixxaatuuf, isin inni gaariin akka guddatuuf isa hamaa in balleessitu; akkasumas inni hamaan iddoo dhaaba wayinii kootii akka isaan hindanqineef, isin isaan murtanii akkasumas abidda keessatti in darbattu; akkasumas akkasitti isa hamaa iddoo dhaaba wayinii kootii keessaa ani nan haxaa’a.
67 Akkasumas, dameewwan muka uumamaa deebisee muka uumamaa irratti isa nan fayyisa;
68 Akkasumas, dameewwan muka uumamaa muka dameewwan uumamaa irratti nan fayyisa; akkasumas ani akkasittiin ija uumamaa akka godhataniif ani isaan deebisee walitti nan qaba, akkasumas isaan tokko in ta’u.
69 Akkasumas, inni hamaan iddoo dhaaba wayinii kootii hundumaa keessaa illee baafamee, eeyyee, in gatama; sababni isaa kunoo, ani al-tokko qofaaf iddoo dhaaba wayinii kootii nan qeexxa’a.
70 Akkasumas kun erga ta’ee booda, Gooftaan iddoo dhaaba wayinichaa hojjetaa isaa in erge; akkasumas hojjetichis deemee akkasumas akkuma Gooftaan isaa isa abboomeettis in raawwate, akkasumas hojjetoota warra kan biraa lakkoofsaan muraasa turan in fide.
71 Gooftaan iddoo dhaaba wayinichaas akkas isaaniin in jedhe: Deemaatii iddoo dhaaba wayinichaa keessa humna keessan guutuudhaan hojjedhaa. Sababni isaa kunoo, ani iddoo dhaaba wayinii koo kunuunsuudhaaf kun yeroo isa dhumaati; dhumni isaas dhiyaateera, akkasumas yeroon isaas dafee dhufa; akkasumas isin humna keessan guutuudhaan yoo anaa wajjin hojjettan ija isa ani yeroo dhiyoo isa dafee dhufuuf jiru keessatti ofii kootiif kuufadhutti isinis in gammaddu.
72 Akkasumas kun erga ta’ee booda, hojjettoonni deemanii akkasumas humna isaanii guutuudhaanis itti dhimmanii in hojjetan; akkasumas Gooftaan iddoo dhaaba wayinichaas immoo isaanii wajjin in hojjete; akkasumas isaan waan hundumaatti abboommota Gooftaa iddoo dhaaba wayinichaatiif warra abboomaman turan.
73 Akkasumas ammas, iji uumamaa iddoo dhaaba wayinii keessatti irra deebiin jiraachuu in jalqabe; akkasumas dameewwan uumamaa guddachuu fi gar-malee babal’achuu in jalqaban; akkasumas dameewwan bosonaas buqqifamanii akkasumas gatamuu in jalqaban; akkasumas akka jabina isaattis, isaan hidda isaa fi gubbaa isaa wal-qixa eegaa turan.
74 Akkasumas, isaan akka abboommota Gooftaa iddoo dhaaba wayinichaatti, hamma inni hamaan iddoo dhaaba wayinichaa keessaa ba’ee gatamutti illee, akkasumas mukoonnis deebisanii ija uumamaa akka godhataniif Gooftichis ofii isaatiif akka eeguuf, akkasitti itti dhimmuu hundumaan in hojjetan; akkasumas isaan akka qaama tokkoo in ta’an; akkasumas ijoonni isaaniis wal-qixxee turan; akkasumas Gooftaan iddoo dhaaba wayinichaas isa jalqaba irraa jalqabee isaaf caalaatti gati-jabeessa ta’e, ija uumamaa sana ofii isaatiif in eege.
75 Akkasumas kun erga ta’ee booda, Gooftaan iddoo dhaaba wayinichaa iji isaa gaarii ta’uu isaa, akkasumas iddoon dhaaba wayinii isaas kana booda akka hin tortorin yommuu arge, inni hojjettoota isaa waamee, akkasumas akkas isaaniin in jedhe: Kunoo, nuyi yeroo isa dhumaa kanaaf iddoo dhaaba wayinii kootii kunuunsineerra; akkasumas ani akka fedha kootiittis akkan raawwadhe isin argitaniittu; akkasumas ani ija isa kan uumamaa isa gaarii ta’e, akkuma isa jalqaba tureetti illee eegeera. Akkasumas, isin iddoo dhaaba wayinii koo keessa anaa wajjin itti dhimmitanii hojjechaa waan turtaniif, akkasumas abboommota koos waan eegdaniif, isin kan eebbifamtaniidha. Akkasumas, ija uumamaa deebiftanii naaf fiddaniittu, akkasumas inni hamaan gatameera, kanaanis iddoon dhaaba wayinii kootii kana caalaa hin tortoru, kunoo isin sababii ija isa iddoo dhaaba wayinii kootiitiif anaa wajjin in gammaddu.
76 Sababiin isaas kunoo, ani waqtii isa dafee dhufuuf, ija iddoo dhaaba wayinii kootii, yeroo dheeraadhaaf ofii kootiif nan kuufadha; akkasumas ani yeroo isa dhumaatiif iddoo dhaaba wayinii kootii kunuunsee, akkasumas irraa nan qeexxa’e, akkasumas naannoo isaa nan soqe, akkasumas xaa’oo itti nan naqe; kanaafuu ani akkuman dubbadhee turetti ani yeroo dheeraadhaaf, ija isaa irraa ofii kootiif nan kuufadha.
77 Akkasumas, yeroo yeroon ga’utti iji inni hamaan deebi’ee gara iddoo dhaaba wayinii kootii in dhufa, yeroo sanatti ani inni gaarii fi inni hamaan akka walitti qabamu nan godha; akkasumas ani isa gaarii ofii kootiif nan eegadha, akkasumas ani isa hamaa gara iddoo ofii isaatiitti isa nan darbadha. Akkasumas sana booda, waqtichii fi dhumni in dhufa; akkasumas ani iddoon dhaaba wayinii kootii abiddaan akka gubatu nan godha.