Dhuga ba’umsa Saddeetii
Hojiin kun saboota, gosoota, afaanotaa fi namoota isaan bira gahu hundumaaf: gabateewwan fakkaattii warqee qaban, hojii kana kan hike, Joseph Smith, Jun., gabateewwan waa’een isaanii dubbatame akka nutti argisiise; akkasumas Smith kan jedhamu kun fuulota inni hiike baay’ee isaanii harka keenyaan akka qaqabanne kan beekame haa ta’u; akkasumas immoo isaan irratti kan bocamanii irra jiran argineerra, isaan hundinuu bifa hojii durii, fi hojii of eeggannaan hojjetaman kan qabaniidha. Akkasumas Smith kan jedhamu kun akka nutti argisiise, akkasumas nuyi arginee akka ol kaafne, akkasumas Smith kan jedhamu kun gabateewwan nuti jenne kana akka qabu, mirkaneessinee beekuu keenya, jechoota of eggannootiin dhuga ba’umsa in kennina. Akkasumas nuyi waantootni argine kun dhuga ba’umsa akka ta’uuf, maqaa keenya biyya lafaaf in kennina. Akkasumas nuyi hin sobnu, Waaqayyos waa’ee kanaa dhugaa in ba’a.
Christian Whitmer
Jacob Whitmer
Peter Whitmer, Jun.
John Whitmer
Hiram Page
Joseph Smith, Sen.
Hyrum Smith
Samuel H. Smith